Sunday, 27 November 2016

Dabaa fi Cubbuu

Ilmaan boorana kessii isii nagaa. yaadi isaanis nagaa ykn qulqulluudha. ilmaan boorana jechuun namoota guyyaa keessa  dhufee naannoo sanaa qubatee kan bara 1991 asii hin dabalatuu. maalif dhimmaa innii dhufeeti fi waan innii ykn ishiin hojjachuu dhufteef irratti gaafii waan qabuuf, akkasums  hangaa gaafi tiyyaaf deebi argadhuttii miseensa kana keessatti haguugu hin barbaadu. kanaaf isaan sana dhiifne gamaa yaada kiyyaatti haa deemnuu.  akkuma armaan olitti argaa jirtaan mat-dureen yaadaa kiyyaa dabaaf cubbuu jedhaa.  isaanma ilmaan boorana jedhee armaan olittii daangaa baraa 1991 tiin daangeessee keessaa kaanneen dabaaaf cubbuun deeman bay'eedha. kunniin ammoo faayidaa dhuunfaa isaanif kaayoo ilmaan oromoos tahee kan ilmaan boorana bakka hin buhan/. warreen akkanaa carraa argannee fi waltajjii argannee irratti itti lakkisuu hin qabnuuu. horaa bulaa. gaafi kiyyaa guddaan gaafii baraati

1 comment:

  1. jaala tura ganyaa
    horii bulii deebanii, duuba boorani mammaahee waan jedhee jibichi korma ta'uu aada irratti beessisaa jedhe.Atin nama dhiiraa kaa gosaa ufiitii waan danda'ee gumaachuuf hojjachuutti jiru,booriifillee akka atin fulaa guddoo dhaqqabdduu abdii qaba.duuba yaada kankee eedduu dubbisee guddoo maachee.yaada bilchaataa fi waan edduu nama barsiisuudha.akkumaa atu jettee nuun boorana ardha gosa oromoo dhibii irraa waan edduun duubatti amnee jirra kunin ammoo rakkoo nummaan ufirratti umuutti jirruudha.aadaan booranaa isiinuu bara kan ya waan iira ceeraan taatee.maqaa booraana ilmee ufiiti baasuun ya waan ceeraa taatee,loqoda boorana dubbachuun bara oromummaa irra nama kuttuu keessa ejjina.wanni kun cuftii yoo ardhaa anumaa fi si'i irratti fuullefannee jijjiiraamaaf in ojjatani namii dhiibiin nuu jijjiiruu ka nu alaa eegannuu injiru,waan dandeenuun seenaa fi aadaa ummata keennaa ka abbootiin teennaa nuun geettee baduu dhowwuuf halkanii guyyaa ojjachuu qabnaa.anin waan danda'uu cufaan si waliin hojjachuuf qophiidha.guddoo sirraa gammadee horii bulii deebanii aadaa keessatti ilaa gurraan jaarii boorana gula dabrii beenii
    halake jaldeessa,istanbul,turkey

    ReplyDelete