UF-BEETTAA?
Cufaa duraatti galatii waaqaf haa ga’uu ka guyyaa hardhaatin
nuu gayee, akkasumallee jalqabaaf dhumaa hujii teennalleetti haa nuu biraa
dhaabbatuu jennee yaammannaa. Addunyaa tana namuu dhalaa kormaan dhalannee
gubbaatti ufii arguu malee akkamitti dhalattee yoo jedhan deebisuun in
ulfaattii!!
eennu irra dhalattee, eessattii dhalattee, fi gosa tam
keessa dhalattee? Yoo nuu gaafatan deeebisuuf yaada hin barbaachisuu. Ammo
maatin irraa dhalatan, fulaan ittii dhalatan fi gostii keessa dhalatan guddoo
nama dhibdii/ guddoo quuqamanifi. Tanaaf namii hedduun yoo mufatee, ayyayya
keeyyatee akkana jedhaa:
ü
Yoo wannii an jedhee kunin hanqattee an haadha
tiyyaa Kaleen keessa bu’ee
ü
Yoo akkas ta’uu baattee an gos tiyyaa fincaan
yakkee
ü
Yoo isiin narraa hanqattee erbee tiyyaa balbalaa
gatanii
ü
Laftii tun yookan tiyyaa taati yookan lafee
tiyyaa taatii tunin aganumaa
Laftii nuu ittii dhalannee lafa booranaatii, gostii nuu
keessa dhalannee gosaa booranaatii, libanii, dirree,saakuu, waasoo dheedaaf
akka nuu toltuttii, maqaa ittii moggaamnee malee boorana gandaan,kutaafii haala
quttumaatin gargar qooduu nittii.
Sabboo goonaan akkaa namii walii ceere fokkee, soddoomee,
beekee walii wallaale, beekee wal jalaa oolee, akkaa buusa gonofaa toltuuf
odeeffatee wal qubaa qabaatuuf malee
booranii lamaa jennee gargarii wal qooduu nitiii. Nuu boriillee wal hin
qoonnuu, iftaanillee wal hin qoonnu (we are one , anywere anytime).
Aadaa jaalatamtuu, leellifamtuu, beekkamtuu ta gostii hedduun
dharraatefi bakkaa ilaan arguuf horii ittii baaftee biyyaa keessaf alaalle
Adiif gurraachii biyyaa keessaa fi alallee itti yaayee daawwatuu, taa akkumaa
qilleensaa fudhachuutti jirruu kanaa hin agarree dhalataan booranaa tokkolleen argee ittiin boonuutti hin jirree qabnaa.:
ü
Muuda
ü
Kuusa
ü
Kuusomaa
ü
Buufataa gadammojjii
ü
Fuudhaafi heerumaa
ü
Dhawaa dhibaayyuu
ü
Kormaa korbeessaa fi kkkkkkkkf qabnaa.
Kanaa qofaa nitii akkumaa armaan olittii jennee seena nuun
dhalataan booranaa agarree homaatti hin darree, ka gochii dhibiin argitee yoo
maqaan boorana tuqamuu cee’ee mataa isii keessaa dhufuu hedduutti jiraa,
fakkeennaaf seera caatii dhowwuu ka gumiin boorana keeyyaattee sun yoo
ilaallee, seerrii sunin ka qabeenyii boorana dhugumaan ka boorana ta’uu isaa
ibsuu (booranans for boorana), yaadii kunin ka mootummaanii addunyyaa cuftinuu
fudhattee yeroo ammaan tana ittiiin hojjachaa jirtuu, biyyaa teenna tana
keessattuu mootummaan naannoo oromiyaa fii biyyii etiyoophiyaatu ( Ethiopians
for Ethiopia) jettee ittiin hojjaachuuf karoora keessa galfachaa jirtuu. Knaaf
hundii isaanii seerumaa kalee jaarroti teenna ta hin baratiin sunin baafattee
lafa keeyyattee. Hujiin warraa sunin diirama hardhaa ilmaan boorana nama
baratee cufaa boonsaa akkasumattii fulaa innii deemuu cufattii ulfinnaa guddaa
kennaafii jirtii. Gamaa mirgaa dubartootaatinillee yoo ilaalluu, booranii duruu
dubartiin ilmee laaftuu jedhee mirgaa hedduu kenneefi jiraa. Fakkeennaf adoo
beela dheebuu dootee isii durattii hin
soorattuu. Balleessaa dhiiratiif ta dubraa aga agaattii ilaalanii.
* Nuu
warrii seena akkanaa kana qabuu yoo awwaallee gubbaa teennuu eennutti qotee
boollaa nuu baasa??????.
Namuutti hin eegatinaa addunyaa
hardhaa ormii jireenna nama hin fedhuu, guddinnaa ykn jijjiirama lafaa teetitti
fi aadaa teetii irraa hujii hin qabuu, yoo atin afaan boollaa teettellee harkaa
sii hin qabuu ittii sii darbee sii biraa deema.
* Akkaa
ammo rakkoo balliinnii lafaa teetii si malee namuu hin qabnee atii beektaa??
* Biyyiitii
seenaf aadaa tee alchitee barachuuf
dheebuu qabdi, atuu agam aadaa fi seenaa kee beektaa??
* Agam
ammo beekufillee ol ejjiitaa???
* Tantee
tuffattee ta ormaa faana ceeta, tee ammo eennuu ittii lakkiftee nama sii
maamuluu???
* Yoo
akkanaa in ijjeeftee moo in guddiftee??
* Akaakuu
abaabon kee yaa siin gayee, ati ammo eennuun geettee??
* Eennuun
ga’uuf karoorfattee karoora qabdaa??
* Aadaa
tee jibbitee taa ormaa jaalattaa, yoo qaraa laafa tanaan jajjabaattaa??
* Yoo
qaraa wallaala tanaan wa barattaa??
* Yoo
aadaa tee jabeeffattee agaa qaraa in hanqattaa??
* Yoo
akkanaa duuba atin ufii in beettaa??
“uf-beekuu dhabuu biraa du’anii
dhabamuutti wayyaa”(T&G).
* Afaan
kankee jibbite ormaa gulaa cabaqaa
dubbattaa (akkaa simphirree odaa nyaattuu afaan uf nyaatta), maan jalaa argatta
kanaa?.
* Fulaa silaa hin geennee dhaqqabdaa?
* Afaan
biyyaa ya guddiftee, kankee waan isaan keessa jiranuu oduu qabdaa?
* Yoo
atin maqaa hin dhoofnee in du’anii agartaa?
* Atiin
itti dhalattee jibbitee,ormii maan irraa qabaa?
Mee laalii jechoota mimmiiyaawoo
qabnaa!!! Ka sii malee namuu hin beenne, ka biyyiti barachuuf guddoo fedhii
guddoo qabduu:
ü
Baaratti kayee
ü
Baartutti kayee
ü
Baartuttii oolee
ü
Baarattii oolee
ü
Nageennii baalaa kumaa
ü
Kumii kitilii
ü
Aanan
quufii
ü
Ya badhaye
ü
Waaqa lafaa
ü
Aadaa dhugaa
maan kana qofaa taatee mitii himamee hin dhumuu.
Kakkana cufaa balleessitee,
ü Akkam
ooltan
ü Akkam
bultaan
ü Gaarii
bultanii
ü Nagaa
jirtuu
ü Maal
jechuu keessan
ü Obboo
ebeluu
ü Yoo
kakattuu , jesus name, wallaahi billaayi, dingil maariyaamu jettaa afaan kankee
ya dagalchitee gartaa?
YOO AKKANAA UF-BEETTAA??
Amantii feenellee hordofuu
dandeennaa, suniin yaadaa mataa keetitiif onnee teetittii ittii amanee isiinu
waan gosaan waltii qabduu niti. WAAQEFFATAA, MUSLIMAA FI KIRISTAANA taatullee
aadaa abbaa keetitiin wannii waltii geessee hin jirtuu. Gosaa tantee balloo ammo
ta waliin qabdaan qabdanii. Wannii sii qofaa nitii amantii addunyaa cufattii
hordofaa. Akkuma amanta hordoftuu suni aadaa ufiillee hordoftii biyyittii. Nuu
ammo hardhaa yoo amantaa tokkootti daramnuu, taa aadaan maan qara jennaa!!!!
Ammoo adoo uf beennee tuniin afaanii nuu
hin baatuu, amantiin aadaa abbaa keetii yoo hin lakkisin masaajidaaf kanisaa
hin seetuu siin jettuu hin jirtuu yoo jiraatteyyuu, amantii sun biraa aadaa
abbaa keetii gulaa ba’uu maltee. Nulleen amanta in qabna wannii nuu waan kana jennuuf
amantiin dhaatteeffatanii aadaan baduuttii jirtiii. Amantiin wal qoonnee
tokkummaan, jaalalli, jabeennii gosaatuu baduutti jiraa. Lammeessoo taa nuun
amantii gargaraa gulaa yaanuu kunin cuftii waliin qabnuttii jiraa. Isiin suniin
waan jabeessuu qabanii isanii dhaama hubadhaa, isiin sunin wirtuu duddaati,
gogaa nafaatii, hiddaa dhiigatii
BOORANTITTII jabeessaa. Amantii tanaa agaan dabarree, ufuu wallaallee
faayaa heedduu balleessuttii jirraa. Fakkeennaa
midhaaguma mana keessa, ka dinqaa dhiibuu, Affoo dinqattii affeessuu
lakkimnee, gollaa lakkimnee, seephanii qodaa lakkimnee, miijjaloo manoo
lakkimnee, gulantaa lakkimnee, ammaa dinqaa keennaa yoo ol dabran affoon irraa
hin jirtuu wannii irraa jiraa footoo muslimaa kiristaanatti irraa jiraa. Amantiin
onnee abbaatii malee dhiiroo waan meeshaa aadaatin dhossaan yaayyuu ta’uu
maltee?? Sunumaa qofaa maaf taatii durii madda aadaa sababeeffannee dubrallee
kadhannee wal irraa fuuna,amma ammo dubra kadhaachuf awadachuun daallummaa,
jennee haada idhuu, fireendii jennee adoo hin fuudhin biratti galuu…….
Ijollee teenallee ammo maqaa
guutu abba liibe irraa jijiirre cufumaa
amaantii sababeefachun maqaa:
John,joseph,mariam,sheron,abdi,Mohamed,fatia,
faria,Halima…………kha akkana kakkan itti baamna. Isiiyyuu gubbisaaf moggaati
oduuyyuu maqa waa dhoomnaa, kaan waklala…………..
Kaa guutu abbaa liibee cuftinuu
maqaa yeroo, sababaa, dadhabbii, fi kkkf ibsuu: fkn
Galgaloo, Guyyoo,Halkanoo,
Waariyo, kunin saati dhaloota keenna ibsaa.
Abbaganna, Haadha rooba Bonayya,
Jatanii, yeroo nuu keessaa dhalanneee.
Qaraarsa, Qabballe,Nagayoo, Dhiboo, Dhibaa, fi kkkf ammo amala keenna
ibsaa.
Boruu, Liban, Waaqoo, Guyyoo, fi
kkf ammo maqaa angafaatii.
Daalatti, Kulula, Kulee fi kkf
ammo maqaa jaalalaati.
* Maqaa
kakkana jibbinee yoo ufirraa jijjiirree eennuu haa baafatuuti?
* Kaa
ormaatin siin yaamanii waan qaraa hin qabnee darattaa??
* Yoo
kaa booranaatin sii yaamanii fulaa geettuu hanqattaa??
* Namii
boorantitti tantee hin beennee eennumma tantee barachuuf maan sirraa hubataa?
* Amantiin
jijjiirii maqaan boorana jannaa ykn jireenna bara baraa sii hin galchituu
jettuu in jirtii?
* Yoo
hin jirree maaf jijjiirtaa ree, maan sirraa dhibaa??
* Ittiin
uf-beettee hoo??
Gabaabumattii yoo atin aadaa,
afaan fi seena kee mulliftee namummaan keetilleen mullataa.
Yoos gostii telleen beekkamtee
beekkamtii argattii. Kanaafu uf-beeki, gosa teetillee beekii ta biyyitii
beettuu tanallee jabeessii, taa biyyiiti hin beennee ta atin in beettaa
homaattuu hin darree hedduu dhokattee ciiftuttuu jiraa isii sunii mullisuuf
nama irratti hin eegatini, halkanii guyyaa hin jedhinii, gufuuf qoraatti hin
ifatinii kayii dhaabadhi ummata addunyaatii gad baaasii.
No comments:
Post a Comment