Namii tokkoo waan isa irra eegamuu guutuf jechaa maal akka
isa barbaachisan dhugumaan yoo irratti
mari’atan. Akka saaayinsii fi midiyaan addunyaa cuftii odeessuttii
wanni jireenya ilmee namaatif
barbaachisan nyaata, dawoo fi uffata. Garuu wayi kana qofaan xummurama????? kanneen isaan sadan maqaan isaani armaan
olitti tuqamee kana qofaan ilmii nama jiraachuu hin danda’uu. Isaan kunin sadan
jiraachuf ilma namaatif bu’uura ta’aniyyuu, dabalata jireenya ilmaa
namaatif wanni gugurdoon dirqama hafuuu hin qabnee ni jiruu. Isaan
kunniin keessaa nageenya sammuutif nageenni naannoo iddoo gudda qaba. Nageenya sammuu; yoo jedhuu namii
kamiyyuu bakka jiruu kamittuu sammuun isaa nagaa argatee boqonnaa sammuu isaa
irraa kan ka’ee waan dansaa yaadee, jijjiiramaaf hojjachuu yoo danda’ee qofaa
dha. Hamtuu tokkoo garaa keessaa, of-keessatti boo’uu, hamtuu yaaduu, irraa
bilisa ta’ee waan gosaa isaaf milkaa’inna ta’aa qofaa hojjachuuf sammuun isaa
kan ajajuu yoo ta’ee qofaadha. Nageenya
naannoo;. Yoo jedhuu ammoo, naannoon jireenya namaa sana jireenya isaatif
nageenya aadaa, siyaasa, ikoonoomii fi kkf ga’aa yoo qabaattee qofaadha.
Hojjatee jireenya isaa jijjiiruuf, oolee buluuf, ba’ee galuuf naga kan argatuu
yoo ta’ee qofaa. Ba’anii galuuf, bulanii ka’uuf, hojjatanii jiraachuuf nagaan
yoo hin jirree, lubbuun nama yoo baatuu nageenyii naannoo sana ni jiraa jechuun
namattii ulfaata. Nageenyii naannoon fi sammuu kunin wal biraa jiraachuu
baannan ilmeen nama jiraachuuf lubbuun qoftii keessa jiraattee nyaate garaan
quufuf uyyifatee nafii isaa owwuun qoftii hiikka hin qabuu. Biyyaa kamiiyyuu
keessattii mootummaan lammii isaaf kana gochuun isaa irraa kan jirtuu ta’uun
namuufu ifaa. Wantoonnii anin armaan olitti tuqee kanaaf haallii godina boorana
qabatamaan ammaan tana mullachaa jiruu yoo wal biraa qabnee ilaallee gudddoo
nama gaddisiiisaa. Kuniin maalif ta’aa??, Namii guyyaa guyyaan du’uu nama
mootummaa moo bineensa??, yeroon ammaan tana garuu bineensis akkaa hin
doonettii yeroo mootummaan ummata barsiisaa jiruu dha. Kunilleenn gaafii
guddaa.!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!! bineensii akka hin dooneef lubbuun isaa agas cufaa eegama jiraa kan nama hoo akkamitti yaadamuu qabaa??????? rakkoo kana garuu nama agamitti arguutti jiraa??/ yoo agartan ammoo maaf akkan calliftan ykn furmaata akkam yaaddanii harkaa qabdan??
No comments:
Post a Comment