Thursday, 17 April 2014

uf beettaa???????

                                               UF-BEETTAA?
Cufaa duraatti galatii waaqaf haa ga’uu ka guyyaa hardhaatin nuu gayee, akkasumallee jalqabaaf dhumaa hujii teennalleetti haa nuu biraa dhaabbatuu jennee yaammannaa. Addunyaa tana namuu dhalaa kormaan dhalannee gubbaatti ufii arguu malee akkamitti dhalattee yoo jedhan deebisuun in ulfaattii!!
eennu irra dhalattee, eessattii dhalattee, fi gosa tam keessa dhalattee? Yoo nuu gaafatan deeebisuuf yaada hin barbaachisuu. Ammo maatin irraa dhalatan, fulaan ittii dhalatan fi gostii keessa dhalatan guddoo nama dhibdii/ guddoo quuqamanifi. Tanaaf namii hedduun yoo mufatee, ayyayya keeyyatee akkana jedhaa: 
ü  Yoo wannii an jedhee kunin hanqattee an haadha tiyyaa Kaleen keessa bu’ee
ü  Yoo akkas ta’uu baattee an gos tiyyaa fincaan yakkee
ü  Yoo isiin narraa hanqattee erbee tiyyaa balbalaa gatanii
ü  Laftii tun yookan tiyyaa taati yookan lafee tiyyaa taatii tunin aganumaa
Laftii nuu ittii dhalannee lafa booranaatii, gostii nuu keessa dhalannee gosaa booranaatii, libanii, dirree,saakuu, waasoo dheedaaf akka nuu toltuttii, maqaa ittii moggaamnee malee boorana gandaan,kutaafii haala quttumaatin gargar qooduu nittii.
Sabboo goonaan akkaa namii walii ceere fokkee, soddoomee, beekee walii wallaale, beekee wal jalaa oolee, akkaa buusa gonofaa toltuuf odeeffatee wal qubaa qabaatuuf  malee booranii lamaa jennee gargarii wal qooduu nitiii. Nuu boriillee wal hin qoonnuu, iftaanillee wal hin qoonnu (we are one , anywere anytime).
Aadaa jaalatamtuu, leellifamtuu, beekkamtuu ta gostii hedduun dharraatefi bakkaa ilaan arguuf horii ittii baaftee biyyaa keessaf alaalle Adiif gurraachii biyyaa keessaa fi alallee itti yaayee daawwatuu, taa akkumaa qilleensaa fudhachuutti jirruu kanaa hin agarree dhalataan booranaa tokkolleen  argee ittiin boonuutti hin jirree qabnaa.:
ü  Muuda
ü  Kuusa
ü  Kuusomaa
ü  Buufataa gadammojjii
ü  Fuudhaafi heerumaa
ü  Dhawaa dhibaayyuu
ü  Kormaa korbeessaa fi kkkkkkkkf qabnaa.
Kanaa qofaa nitii akkumaa armaan olittii jennee seena nuun dhalataan booranaa agarree homaatti hin darree, ka gochii dhibiin argitee yoo maqaan boorana tuqamuu cee’ee mataa isii keessaa dhufuu hedduutti jiraa, fakkeennaaf seera caatii dhowwuu ka gumiin boorana keeyyaattee sun yoo ilaallee, seerrii sunin ka qabeenyii boorana dhugumaan ka boorana ta’uu isaa ibsuu (booranans for boorana), yaadii kunin ka mootummaanii addunyyaa cuftinuu fudhattee yeroo ammaan tana ittiiin hojjachaa jirtuu, biyyaa teenna tana keessattuu mootummaan naannoo oromiyaa fii biyyii etiyoophiyaatu ( Ethiopians for Ethiopia) jettee ittiin hojjaachuuf karoora keessa galfachaa jirtuu. Knaaf hundii isaanii seerumaa kalee jaarroti teenna ta hin baratiin sunin baafattee lafa keeyyattee. Hujiin warraa sunin diirama hardhaa ilmaan boorana nama baratee cufaa boonsaa akkasumattii fulaa innii deemuu cufattii ulfinnaa guddaa kennaafii jirtii. Gamaa mirgaa dubartootaatinillee yoo ilaalluu, booranii duruu dubartiin ilmee laaftuu jedhee mirgaa hedduu kenneefi jiraa. Fakkeennaf adoo beela dheebuu dootee  isii durattii hin soorattuu. Balleessaa dhiiratiif ta dubraa aga agaattii ilaalanii.
* Nuu warrii seena akkanaa kana qabuu yoo awwaallee gubbaa teennuu eennutti qotee boollaa nuu baasa??????.
Namuutti hin eegatinaa addunyaa hardhaa ormii jireenna nama hin fedhuu, guddinnaa ykn jijjiirama lafaa teetitti fi aadaa teetii irraa hujii hin qabuu, yoo atin afaan boollaa teettellee harkaa sii hin qabuu ittii sii darbee sii biraa deema.
* Akkaa ammo rakkoo balliinnii lafaa teetii si malee namuu hin qabnee atii beektaa??
* Biyyiitii seenaf aadaa tee alchitee barachuuf  dheebuu qabdi, atuu agam aadaa fi seenaa kee beektaa??
* Agam ammo beekufillee ol ejjiitaa???
* Tantee tuffattee ta ormaa faana ceeta, tee ammo eennuu ittii lakkiftee nama sii maamuluu???
* Yoo akkanaa in ijjeeftee moo in guddiftee??
* Akaakuu abaabon kee yaa siin gayee, ati ammo eennuun geettee??
* Eennuun ga’uuf karoorfattee karoora qabdaa??
* Aadaa tee jibbitee taa ormaa jaalattaa, yoo qaraa laafa tanaan jajjabaattaa??
* Yoo qaraa wallaala tanaan wa barattaa??
* Yoo aadaa tee jabeeffattee agaa qaraa in hanqattaa??
* Yoo akkanaa duuba atin ufii in beettaa??
“uf-beekuu dhabuu biraa du’anii dhabamuutti wayyaa”(T&G).
* Afaan kankee jibbite  ormaa gulaa cabaqaa dubbattaa (akkaa simphirree odaa nyaattuu afaan uf nyaatta), maan jalaa argatta kanaa?.
*  Fulaa silaa hin geennee dhaqqabdaa?
* Afaan biyyaa ya guddiftee, kankee waan isaan keessa jiranuu oduu qabdaa?
* Yoo atin maqaa hin dhoofnee in du’anii agartaa?
* Atiin itti dhalattee jibbitee,ormii maan irraa qabaa?
Mee laalii jechoota mimmiiyaawoo qabnaa!!! Ka sii malee namuu hin beenne, ka biyyiti barachuuf guddoo fedhii guddoo qabduu:
ü  Baaratti kayee
ü  Baartutti kayee
ü  Baartuttii oolee
ü  Baarattii oolee
ü  Nageennii baalaa kumaa
ü  Kumii kitilii
ü  Aanan  quufii
ü  Ya badhaye
ü  Waaqa lafaa
ü  Aadaa dhugaa    maan kana qofaa taatee mitii himamee hin dhumuu.
Kakkana cufaa balleessitee,
ü  Akkam ooltan
ü  Akkam bultaan
ü  Gaarii bultanii
ü  Nagaa jirtuu
ü  Maal jechuu keessan
ü  Obboo ebeluu
ü  Yoo kakattuu , jesus name, wallaahi billaayi, dingil maariyaamu jettaa afaan kankee ya dagalchitee gartaa?
YOO AKKANAA UF-BEETTAA??
Amantii feenellee hordofuu dandeennaa, suniin yaadaa mataa keetitiif onnee teetittii ittii amanee isiinu waan gosaan waltii qabduu niti. WAAQEFFATAA, MUSLIMAA FI KIRISTAANA taatullee aadaa abbaa keetitiin wannii waltii geessee hin jirtuu. Gosaa tantee balloo ammo ta waliin qabdaan qabdanii. Wannii sii qofaa nitii amantii addunyaa cufattii hordofaa. Akkuma amanta hordoftuu suni aadaa ufiillee hordoftii biyyittii. Nuu ammo hardhaa yoo amantaa tokkootti daramnuu, taa aadaan maan qara jennaa!!!! Ammoo adoo uf beennee tuniin  afaanii nuu hin baatuu, amantiin aadaa abbaa keetii yoo hin lakkisin masaajidaaf kanisaa hin seetuu siin jettuu hin jirtuu yoo jiraatteyyuu, amantii sun biraa aadaa abbaa keetii gulaa ba’uu maltee. Nulleen amanta in qabna  wannii nuu waan  kana jennuuf  amantiin dhaatteeffatanii aadaan baduuttii jirtiii. Amantiin wal qoonnee tokkummaan, jaalalli, jabeennii gosaatuu baduutti jiraa. Lammeessoo taa nuun amantii gargaraa gulaa yaanuu kunin cuftii waliin qabnuttii jiraa. Isiin suniin waan jabeessuu qabanii isanii dhaama hubadhaa, isiin sunin wirtuu duddaati, gogaa nafaatii, hiddaa dhiigatii BOORANTITTII jabeessaa. Amantii tanaa agaan dabarree, ufuu wallaallee faayaa heedduu balleessuttii jirraa. Fakkeennaa  midhaaguma mana keessa, ka dinqaa dhiibuu, Affoo dinqattii affeessuu lakkimnee, gollaa lakkimnee, seephanii qodaa lakkimnee, miijjaloo manoo lakkimnee, gulantaa lakkimnee, ammaa dinqaa keennaa yoo ol dabran affoon irraa hin jirtuu  wannii irraa jiraa footoo  muslimaa kiristaanatti irraa jiraa. Amantiin onnee abbaatii malee dhiiroo waan meeshaa aadaatin dhossaan yaayyuu ta’uu maltee?? Sunumaa qofaa maaf taatii durii madda aadaa sababeeffannee dubrallee kadhannee wal irraa fuuna,amma ammo dubra kadhaachuf awadachuun daallummaa, jennee haada idhuu, fireendii jennee adoo hin fuudhin biratti galuu…….
Ijollee teenallee ammo maqaa guutu abba liibe irraa jijiirre cufumaa  amaantii sababeefachun maqaa:
John,joseph,mariam,sheron,abdi,Mohamed,fatia, faria,Halima…………kha akkana kakkan itti baamna. Isiiyyuu gubbisaaf moggaati oduuyyuu maqa waa dhoomnaa, kaan waklala…………..
Kaa guutu abbaa liibee cuftinuu maqaa yeroo, sababaa, dadhabbii, fi kkkf ibsuu: fkn
Galgaloo, Guyyoo,Halkanoo, Waariyo, kunin saati dhaloota keenna ibsaa.
Abbaganna, Haadha rooba Bonayya, Jatanii, yeroo nuu keessaa dhalanneee.
Qaraarsa, Qabballe,Nagayoo,  Dhiboo, Dhibaa, fi kkkf ammo amala keenna ibsaa.
Boruu, Liban, Waaqoo, Guyyoo, fi kkf ammo maqaa angafaatii.
Daalatti, Kulula, Kulee fi kkf ammo maqaa jaalalaati.
* Maqaa kakkana jibbinee yoo ufirraa jijjiirree eennuu haa baafatuuti?
* Kaa ormaatin siin yaamanii waan qaraa hin qabnee darattaa??
* Yoo kaa booranaatin sii yaamanii fulaa geettuu hanqattaa??
* Namii boorantitti tantee hin beennee eennumma tantee barachuuf maan sirraa hubataa?
* Amantiin jijjiirii maqaan boorana jannaa ykn jireenna bara baraa sii hin galchituu jettuu in jirtii?
* Yoo hin jirree maaf jijjiirtaa ree, maan sirraa dhibaa??
* Ittiin uf-beettee hoo??
Gabaabumattii yoo atin aadaa, afaan fi seena kee mulliftee namummaan keetilleen mullataa.
Yoos gostii telleen beekkamtee beekkamtii argattii. Kanaafu uf-beeki, gosa teetillee beekii ta biyyitii beettuu tanallee jabeessii, taa biyyiiti hin beennee ta atin in beettaa homaattuu hin darree hedduu dhokattee ciiftuttuu jiraa isii sunii mullisuuf nama irratti hin eegatini, halkanii guyyaa hin jedhinii, gufuuf qoraatti hin ifatinii kayii dhaabadhi ummata addunyaatii gad baaasii.



Monday, 14 April 2014

Oromiyaa biyya goota

Oromiyaa biyya gootaa
Lixaa gara bahaa kibbaa gara kaabaa,
Yoo dhaqnee ilaalle seenaa gaggabaabaa,
Oromoon bakkayyuu goota hedduu qaba.
Bara teknooloojii fi oduun qaroominaa,
waa takkallee hin turin dukkanaawaa sana,
waan addunyaan ittiin yaada waliif hiru ,
interneetaa fi tv’n silaa bara sana maqaan isaayyuu hin jiru.
bilbilaa fi raadiyoonis harkasaanii hin turre,
garuu hariiroo isaanii diinni addaan hin murre,
hayyummaa qabaniin nuuf taraaran xurree.
Oromiyaa biyya koo biyya saba guddaa,
Madda qaroominaa angafa waa hundaa,
Kallattii afraniinuu mee dhaqeen dubbisaa,
xiqqoo na dhaga’aa gurra naaf ergisaa.
Hayyoota jalqabaa madda qaroominaa,
Mee dhaqnee dubbifna dhaqnee irraa baranna,
Biyya angafa keenyaa gujii fi booranaa,
Bulee horaa fi adoolaa nageellee fi yaa’a bal’oo,
Eenyutu irraanfata Gadayyoo Galgaloo,
Cirrattii fi shaakkisoo argadab mooyyaalee,
Beektota hedduu qabna kan akka Yaayyaa Gullallee,
Hayyuu demokraasii seera gadaa tumee addunyaa garsiise,
Feesbuukii fi interneeta miti kan isaan barsiise.
Demokraasii addunyaan har’a odeessitu,
Waan ofii uumte gootee haaraa fakkeessitu,
Faranjiirraa hin dhufne maddisaa nubira,
Waggaa kumaa ol nu wajjiniin jira.
Gootummaas yoo ta’e Oromoon kaleessuma bare,
Malee kompiitera miti kan Oromoo qare.
Mee dhaqnee ilaalla,
Walumaanuu xiqqooshee xiinxalla,
Duguuginsa sanyii fi weerara jalqabaa,
Kanneen dhandhaman lammii koo jajjabaa,
Qaama koo alagaan har’a narraa murte Oromiyaa kaabaa,
Achirraan eegala achirraan jalqaba.
Goota diina haamee eeboodhaan cagadu,
Saalasaa irraa muree shubbisee ragaduu,
Dasee fi kombolcha kamisee fi baatee,
Waldayaa fi mukaxurii arbuu fi sanbatee,
Warra dur diina haamee guggubee qaammate,
Hin habashoominaa jedhee ilmaansaatti dhaammate.
Warra Oromummaa ofii ifatti beeksisee,
Yohaannisii fi Teedroosiin ofirraa deebise,
Uumamumaan goota eenyutu isaan leenjise.
Mee isin yaadachiisuu isinuu ni beektu,
Dubartii ogeettii maqaanshee Warqituu,
Waraana warqituu dubartii akka dhiiraa,
Mormasaa irraa hin murree mootii habashaarraa,
Isa habashaan Atsetewodroos ofiin of ajjeese jettee soba odeessitu,
Kan mormasaa irraa mure dubartii Oromoo ti maqaanshee warqituu.
Goota warra raayyaa qobboo fi haxaayee,
Warra tewodroosirraa morma lafa kaa’e.
Goota warra emanuu warra iluu fi jaarsoo,
Weerara habashaa jalqaba tokkeessoo,
Dura isaantu shide guca ibidda qabsoo.
Jagni warra baabboo warra qaalluu fi jiillee,
Xiyya lafa hin buusu adda gubbaa malee.
Akka isa har’a firri wal wallaalee,
habashaarraa dhaga’ee habashummaa wal faalee,
sana nutti hin fakkaatin dubbiin akkas mitii,
qaamni keenya biroon gara kaabaa jirtii.
cittee achitti hin haftu boruu ni deebitii.
Goojjaam matakkal hanga waanbaraa,
Hin dagatinaa iyyaafadhaa wal baraa.
Bara Goobanaatti jiruun itti tolee,
Diinaa wajjin bulee diinaa wajjin oole,
Diina cinaa goree lammiisaatiin lole,
Ni yaadattuu laata calanqoo fi aanolee?
Bara harmee keenya harma irraa muranii,
Bara abbootii keenya harka irraa muranii,
Oromoota heddu jimilaan boollatti guuran,
Waan goonu wallaallee qonnee isaan awwaalle,
Hanga har’aattillee aha jenna keessa keenyaa hin baane.
Lammii meeqa dhabne bara hamaa sana,
Kunoo hanga har’aattuu seenaasaa dubbannaa,
Wayyoo aanolee jennee madaasaan gubanna.
Haa ta’uyyuu malee yoom tole jedhe ree,
Gootichi asallaa, boqqojjii fi siree,
Irraa gate malee morma diinaa ciree yoom harka kenne ree,
Utuu bara sana Oromoon tole jedhee minilikiin fudhatee,
Har’a waa dubbachuu hin dandeenyu silaa nuu dhumate.
Roobee dhaa fi diinshoo dheeraa fi kofalee,
Gootota meeqatu lubbuusaa kafalee,
Lammiisaa baraaree diinotasaa qale.
Itayyaa fi hurutaa diksiisii fi eexoosaa,
Tokkummaan qabatee gaachanaa fi eeboosaa,
Maal kalee qofa ree har’ayyuu nu boonsaa.
Akkuma hayyichi Oromoo dubbate,
Biyya Oromtichi jalqaba qubate,
Madda walaabuu gobbaa fi asaasaa,
Biyya hayyuu qaraa goota akka rasaasaa,
Goota ta’uusaanii seenaatu gabaasaa,
Ragaa ba’eeraaf alagaan mataasaa,
Oromoon achiitti baallii wal jijjiira,
Kabajaa fi jaalalaan aangoo waliif hira.
Gaasaraa fi gololcha dalloo fi agaarfaa,
Gootota hedduu qabna kan qabsoof angafaa.
Mee dhaqnee ilaalla iluu abbaa booraa,
Mattuu fi beddellee dambiidhaa fi cooraa,
Hurrumuu fi gachii buree dhaa fi yaayyuu,
Biyya abbaa gammachiis madda gootaa fi hayyuu.
Noophaa dhaa fi diimtuu deeggaa dhaa fi goree,
Biyya lammiif dhadhaa alagaatti qoree.
Mee xiqqoon dubbisa takkan maqaa dhaha,
Biyya gootowwanii oromiyaa bahaa,
Awwadaayi, calanqoo, ciroo fi baddeessaa,
Fadisii fi kombolcha qobboo fi ammarreessa,
Biyya gootowwanii qabsoof gadameessaa,
Har’as hoofaa jiru akkuma kaleessaa.
Machaaraa fi mi’eessoo dirredhawaa fi harar,
Galamsoo fi baddannoo gursumii fi carcar,
Guraawaa fi asaboot ta gaara mul’ataa,
Goota ta’uu isaanii seenaatu dubbata.
Haramaayyaa fi qarsaa qullubbii fi baabbilee,
Gumaachi isin gootan hin du’u yoomillee,
Gootota kumaatama keessaa qabna har’allee.
Bara Abbaan Jifaar yakka guddaa godhee ,
Shanan gibee waraanee habashaa harma hodhe,
Biyya minilikii fi Abbaa Jifaariin jibbee,
Ogeessa jalqaba tolchee xiyyaa dhaa fi aalbee,
Ni yaadattuu laata biyya shanan gibee?
Jimmaa fi aggaaroo omonaaddaa fi dedoo,
Goota cal hin jenne cunqursaa fi gadadoo,
Limmuu dhaa fi geeraa guumaa fi sandaaboo,
Maannayii fi saaqqaa sokorruu fi sarboo,
Diina ofiraa dhorkuutti hin kadhatan daboo,
Gaatiraa fi toobbaa sigimoo fi bashaashaa,
Hayyamanii hin beekan ol’aantummaa habashaa.
Mee dhaqnee haa laallu Oromiyaa giddu galeessaa,
Biyya gootowwanii qabsoof gadameessaa,
Amboo gindabarat baakkoo fi incinnii,
Goota guyyuu haaraa hin qabne sinsinnii,
Bushooftuu fi waliisoo fiichee fi adaamaa,
Mirgasaa falmachuutti natu dura du’aa wal saama,
Goota warra kaabaatti harka kennee hin ciifne
Kunoo hanga har’aattuu amantiisaa hin dhiifnee,
Irreecha hin gadhiifne.
Geedoo fi sabbata tulluboolloo fi mugar,
Gincii fi hoolota walqixxee fi gudar,
Shaashamannee fi baatuu dukamii fi karrayyuu,
Gootota kumaatama keessaa qabna har’ayyuu..
Warra diina qalee akka qircaa murmuru,
Oromiyaa lixaa gara horroo guduruu,
Shaambuu fi finca’aa jaartee fi amuru.
Biyya gootowwanii goota oromoon dhalchee,
Warra habashaa ari’ee goondaritti galche.
Naqamtee fi gatamaa giddaa fi galiilaa,
Noolee kaabbaa fi arjoo mana sibu fi biilaa,
Najjoo fi dambidoolloo gimbii fi laaloo qilee,
Loltuu akka kanniisaa adamsituu biflee,
Gootota meeqatu si keessaa biqile.
Innaangoo fi yuubdoo aayiraa gullisoo,
Qaaqee fi gidaamii begii fi baabboo jaarsoo,
Biyya gootowwanii gadameessa qabsoo.
Goota hedduu qabda hayyoota buuleessa,
Oromiyaa biyya koo kanaafan si faarsa.
Waa’ee oromoo dhaa kitaaba seenaarraas egaa yeroon laalu,
Goota qaba oromoon eenyuyyuu isa hin caalu.
Oromoon bakkayyuu goota eega ta’ee,
Ihii maal hir’inni keenya maaltu rakkoo ta’e?
Gabrummaan bar dheeraa maaliif nurra taa’ee ?
Abaarsa qabna moo maaluma yaa ijoollee?
Jettanii gaafachuun keessan waan hin oolle.
Akkuma isin beektan dhugaa dha hayyootas ni qabna goototas yoom dhabne,
Qabsoo durii sanatu faffaca’aa ture walitti hin qabamne.
Qabsoo kopha kophaatu bu’aa buusuu didee,
Gabrummaa bar dheeraa kana nutti fide.
Kanaaf Maccaa fi Tuulamni ooyruusaa tolchanii,
Qabsoo faffacaate walitti itichanii,
Adda bilisummaa Oromoo keessaa biqilchani.
ABO’nis dhufee hunda walii galchee,
Gootota tokkummaa miliyoonaan dhalche.
Kan dur bakka bakkatti addaan faffacaane,
ABO’n dhalannaan kunoo tokko taane.
Firri baroota dheeraadhaaf wal harkaa babbade,
Bahaa lixaa kaabaa kibbaa ka’ee wal barbaade,
Kan diinni amantii fi kutaan nu qoqqoode,
Har’a wal argatee rifaasuun adoode,
Akka sa’aa fi jabbii walitti mar’atee walitti gadoode.
Hunduu ofirra roobse imimmaan gammachuu,
Irbuu waliif seenan biyya ofii falmachuu.
Hunduu gad taa’anii waliin dubbatanii,
Tooftaa gabroomfataa sirriitti hubatanii,
Dirqama lammummaa ABO irraa fudhatanii.
Kaan seenaa qorachuuf dirqama fudhate,
Kaan waraana ta’ee bosona qubate,
Qabsoon bakka bakkatti duraan faffacaate,
Har’a tokko jettee gamtaan lafaa kaate.
Xiqqaa dhaa fi guddaan ka’ee wal kakaase,
Rasaasa jalqabaa Elemoon dhukaase,
Wal harkaa fuudhanii qabsoo itti fufanii,
Tafarii makonniniin afaansaa cufanii.
Tafarii makonninis baay’ee tattaafatee,
Warra kaan ni hidhee kaan ni galaafate.
Hidhaa fi ajjeechaanis isaan hin naasifne,
Ibidda gootummaa isaan harkaa hin dhaamsine.
Afaan isaan qabuuf diinni gad hin teenye,
Isaan callisiisuu garuu hin dandeenye.
Akkamiin callisu dhugaatoo jal’atee,
Dharatu furdatee haqatoo qal’atee,
Fayyaatu okkolee naafatoo dhaabbatee,
Sobatu ol ka’ee barcuma yaabbatee.
Mee akkamiin dhiisu ree kabjaatoo kufee,
Nama nama nyaatutoo biyyasaanii dhufee.
Saba isaaniitoo mirgasaa molqamee,
Galtuutu muudamee abbaan biyyaa dhorkamee.
Kanaaf tokkummaadhaan qabsoo finiinsanii,
Gumaasaanii baasuu nurratti dhiisani.
Hayilesillaaseenis kufee mangistuutu dhufee,
Cunqursaan oromoos bifa jijjiirratee hanga har’aattuu itti fufe.
Mootummoonni habashaa warri aangoo qaban,
Gootota oromoo adamsuu jalqaban.
Dhugaa dubbachuu fi falmachuu keessatti,
Diinonni gootota oromoo ilaaluu jalqaban akka bineensaatti.
Kaan hidhaatti guuruu,
Kaan morma irraa muruu,
Reebichaa fi dararaa,
Bifa gara garaa,
Lafee fi foonsaanii,
Irratti roobsani,
Ibidda elektrikiin qaamasaa ciranii,
Summii nama ajjeesu lilmeedhaan diranii,
Kan qaamni laamsha’e hedduutu jirani.
Qaama saalaasaatti dhagaa fannisanii,
Qullaa akka dhalate qoreerra harkisanii,
Otoma reebamuu wiirtuun duddaa cabee,
Meeqatu maseene meeqatu ilmoo dhabe,
Meeqatu ajjeefame meeqatu lubbuu dhabe.
Mana itti marsanii halkaniin dhufanii,
Akka gad hin baanetti ulaa itti cufanii,
Maatii hedduu bakkatti ibiddaan gubani.
Deebinee hin argannuu sanyii duguuganii,
Lafee nu cabsanii dhiiga nu dhugani.
Harkisaa fi miilli isaa cancalaan hidhamee,
Meeqatu maraate sammuunsaa miidhamee,
Koloniin nurratti hundee jabeeffate,
Oromoota qaqqaalii nurraa galaafate.
Akka Magarsaa Barii fi akka Bakar Waaree,
Warra lafeesaaniin xurree tattaraare,
Ofii wareegamee qabsoo kana jaare,
Goota akka Taaddasaa fi akka Elemoo Qilxuu,
Yeroo alagaan dhufee uummatasaa fixu,
Taa’ee hin hamuummatu ciisee idhi hin xuuxuu,
Lafeen koos haa cabduu lubbuun koos haa badduu,
Anatu deebisa gaaffii qabsoon qabdu,
Dhugaarra dhaabadheen lammii koo leellisa,
Gaaffii qabsoon qabdus anatu deebisa,
Jedhanii murannoon qabsootti hurrisani,
Jaalala saba ofii hojiin mul’isani.
Aadam Jiloo fi Booji’aa Baaroo fi Kabbadaa,
Ejjetaa fi Mokonnin H/M Gammadaa,
Taaddasaa fi Elemoo Waaqoo fi Mul’is Gadaa,
Isin dhabuusaatti Oromoon ni gadda.
Falmataa fi Morkataa Alamuu Qixxeessaa,
Bakar Waaree fi Guutuu Guddinaa Atoomsaa,
Gumaachi isin gootan lammii hunda boonsa.
Jaagamaa Badhaanee Abdullaahii fi Maammoo,
Bobbaasii fi Guutamaa Nuuraddinii fi Galmoo,
Sabboontoota dhugaa leellistoota qomoo,
Isin mararfata yoomuu sabni oromoo.
Badhaasoo fi Waltaasis Suleemaanii fi Ibsaa,
Sibiroo fi Nadhii Alii fi Siisaayi Ibsaa,
Wareegamuun keessan qabsoo daran cimsa.
Generaal Daawud Abdii fi Alamaayyoo,
Muusxafaa fi Eebbisaa Yoseefii fi Usmaayyoo,
Of biraa isin dhabne anaa nyaatu wayyoo,
Ofii dhabamtanii asiin geessan kaayyoo.
Hasanii fi Diimee Daraaraa fi Tasfuu,
Goonni haqa falmatu gooni biyyaaf kufu,
Egaa addaan baaneerra deebi’ee nuu hin dhufu,
Garuu kaayyoon isaa gonkumaa hin kufu.
Yaadannoo yeroo dhihoo gara aanaa begii,
Goota wareegame akka Laggasaa Wagii,
Keenyumaan dahatee alagaan nu nyaatee,
Ni baati gumaan kee dachaa dhibba taatee.
Dubartiin Oromoos deessuun hundaaf harmee,
Gadameessi isaanii qaruuraan ciramee,
Meeqatu foonsaanii allaattiif hirame,
Seenaan haa yaadatu lammii koo isa dhume.
Namnuu ni yaadanna dubree xiqqoo Aayshaa,
Sabboontittii nyaate warabeessi habashaa,
Morma isheetii olii fi rifeensa mataashee,
Kan alaa argatan haatii fi abbanshee.
Aayshaan egaa kuttee nutti asi hin deebituu,
Gumaacha isheen gooteef seenaan haa yaadatu.
Shamarran qaqqaalii baay’eesaanii dhabne,
Leensaa fi Waarituu Jamiilaa fi Aannanee,
Dirribee Jifaar Aayshaa fi Lalisee,
Wareegamuun keessan madaa nutti hambise.
Raggaatuu fi Argannee Saartuu fi Ayyaantuu,
Qabsoof isin dhabne wayyoo anaa nyaatuu,
Barabaraan seenaan isin haa yaadatu.
Saba isaaniif falmuuf qabsootti duulanii,
Kan akka Daraartuu Iftuu fi Kuulanii,
Kanneen wareegaman dura of buusanii,
Bilisummaatu baasa guma lubbuu isaanii.
Qotee bulaa fi daldalaa barsiisaa fi barataa,
Nurraa cabsuuf jecha waanjoo gabroomfataa,
Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu,
Dhiibbaa tokko malee mirga ofiin of bulchuu,
Otoo falmitanii saba oromoof jecha,
Kanneen fudhattan hidhaa fi ajjeechaa,
Lubbuu gumaachitan uummata keessanii,
Walabummaatu baasa gumaa hunda keessanii.
Faajjii keessan kaafna yoomuu lafa hin keenyu,
Hanga galmaan geenyutti dadhabnee hin teenyu,
Onnee keenya keessaa isin haquu hin dandeenyu.
Humna tikaa wayyaaneen warri hidhamtanii,
Himannaa sobaatiin kan himatamtanii,
Kan isinitti murtaa’e hidhaan umurii guutuu,
Ni qal’atti malee dhugaan yoomuu hin duutuu,
Mana hidhaa alagaa bakkeen garagara,
Keessa warri jirtan oromiyaa mararraa,
Kan dhandhamaa jirtan toorcharii fi dararaa,
Isin cinaa jirraa jabaadhaa sabaraa.
Jaallawwan Oromoo gootowwan kaleessaa,
Warri lubbuu isaanii biyyaaf godhan aarsaa,
Waan isaan dubbatan dhaamsa isaanii keessaa,
Waa hedduullee hin beekuu mee xiqqoo isheen kaasa.
Lammii koo amaanaa waan isinii dhaamnuu,
Walii keenya malee fira biraa hin qabnuu,
Barnoota dhabuutu wal nu wallaalchisee,
Diinis qaawwa kanaan numaan walnyaachisee,
Hundee seenaa dhugaa dubbisaa qoradhaa,
Kallattii afraniin deemaa walbaradhaa,
Otoo haqa falmannuu nuti wareegamnee,
Manni nuti jaarre egaa akka hin diigamne.
Natu sii beekaa diinaa isinirraa mancaafnee,
Summii keessa keenyaas isinitti facaafnee,
Egaa wal jabeessaa wal akka hin harcaafne.
Du’uu fi ajjeesuun akka jiru beeknee,
Of duuba hin deebinu jennee irbuu seennee,
Hundee biqilootaa fi baala mukaa nyaannee,
Qabsoo sabaaf jecha kanaaf manaa baanee,
Manatti hin deebinee nyaata allaattii taanee.
Dhiigni keenya har’a qabsoof dhangala’e,
Guyyaa tokko garuu akka galaanaa ta’ee,
Biyya abbaa keenyaa oromiyaa keessaa,
Diinota oromoo haqee isaan balleessaa,
Galaanichi isinii tokkummaa jabeessaa.
Bilisummaa arguuf ture hawwiin keenya,
Garuu otoo achi hin ga’in baate lubbuun keenya,
Natu sii beekaa alagaa isinis fincilaa,
Awwaala keenyarraa mul’adhaa biqilaa.
Haqa falmachuurratti lubbuuf hin sodaannee,
Otoo ijaan hin argin dachiirraa godaannee,
Dantaa mataa keenyaaf jennees hin gufannee,
Hanga waliin turretti walitti hin mufannee,
Lubbuu keenya laanne nuti of hin qusannee,
Ulaan nuti banne egaa akka hin cufamne.
Loltuu gabroomfataa kumaan lafa naqnee,
Nuti tattaafannee egaa nutti hin hafne,
Lubbuu keenya garuu oolfachuu hin dandeenyee,
Amaanaa gumaa keenya isinirra keenyee.
Otoo arguu hawwinuu bilisummaa fi nagaa,
Biyyee jala seennee uffifamnee dhagaa,
Nuti isin jaallannee caalchifnee ofirraa,
Yoo isin tokko taatan nuti hin duune jirra.
Bilisummaaf jecha lubbuun keenya kuftee,
Dabareen keessanii isin geesse dhuftee,
Wareegamaan malee bilisni hin dhuftuu,
Lafeenis haa cabduu lubbuunis haa kuftuu,
Hoodhaa nurkaa fuudhaa qabsoon itti haa fuftuu.
Xurree keenya irraa qoree bubuqqisaa,
Yoo ofii dadhabdan ilmoo itti guddisaa,
Of duuba hin laalinaa furga’aa bubbisaa,
Waan jalqabnee dhiifne ifatti mul’isaa.
Nurra tarkaanfadhaa nu godhaa riqichaa,
Gumaa keenya baasaa qabsoorratti cichaa.
Egaa qawwee keenyas kan nuti irraa duune,
Diina kumaatama ittiin lafa buufnee,
Qulqulleessaa qabaa hin dibinaa xurii,
Diinatti hin kenninaa qawwee keenya durii.
Kana nutti dhaammatan gootonni nu duraa,
Yeroo keessaa baate hafuurri xumuraa.
Maarree nutoo maal hojjechaa jirra ofis ni gaafannaa,
Yoo hojjechuu baanne booda ofii itti qaanfannaa.
Akka warra kalee lafee fi foonsaaniin Oromiyaa jaaree,
Irree tokkummaatiin xurree tattaraaree,
Waan jiru hin fakkaatu nu keessa jiraa ree?
Lakkii akkanas mitii akkanas hin jennuu,
Ofis hin tuffannuu abdiis hin kutannuu,
Maal atis hoo dhiiraa maal anis hoo dhiiraa,
Onneen gootowwanii si keessas ni jiraa na keessas ni jiraa,
Dhaamsa isaan nuuf dhaaman hojiitti jijjiirraa,
Bakka hin gadhiisinaa daandicharra jirraa.
Wareegamuu isaaniitiin nuti lafaa kaanee,
Lafee isaani caphe sana keessaa baanee,
Argamuu dha qabna nutis isaan taanee.
Diinonni keenya warri kaleessa harka nurraa ciru,
Hin dagatinaa har’as fagoo hin deemnee numaa wajjin jiruu,
Nurratti gamnoomanii tooftaa jijijjiiruu,
Alaala taa’anii numaan walitti diru.
Itoophiyaa andinet dirqiin nutti fe’u,
Killee addaan tarsaate ni fayyifna se’u.
Firiin muka odaa agamsa ni taatii ?
Ilmoon leencaa hoo jaldeessatti of waamtii ?
Oromoon toophiyoomuun gaafas dhugaa taati

Bu'uurri jireenya ilmaan nama goodina booranaatin wal qabatee maal fakkaata??

Namii tokkoo waan isa irra eegamuu guutuf jechaa maal akka isa barbaachisan dhugumaan  yoo irratti mari’atan. Akka saaayinsii fi midiyaan addunyaa cuftii  odeessuttii  wanni   jireenya ilmee namaatif barbaachisan nyaata, dawoo fi uffata. Garuu wayi kana qofaan xummurama?????  kanneen isaan sadan maqaan isaani armaan olitti tuqamee kana qofaan ilmii nama jiraachuu hin danda’uu. Isaan kunin sadan jiraachuf ilma namaatif bu’uura ta’aniyyuu, dabalata jireenya ilmaa namaatif  wanni gugurdoon  dirqama hafuuu hin qabnee ni jiruu. Isaan kunniin keessaa nageenya sammuutif nageenni naannoo iddoo gudda qaba. Nageenya sammuu; yoo jedhuu namii kamiyyuu bakka jiruu kamittuu sammuun isaa nagaa argatee boqonnaa sammuu isaa irraa kan ka’ee waan dansaa yaadee, jijjiiramaaf hojjachuu yoo danda’ee qofaa dha. Hamtuu tokkoo garaa keessaa, of-keessatti boo’uu, hamtuu yaaduu, irraa bilisa ta’ee waan gosaa isaaf milkaa’inna ta’aa qofaa hojjachuuf sammuun isaa kan ajajuu yoo ta’ee qofaadha. Nageenya naannoo;. Yoo jedhuu ammoo, naannoon jireenya namaa sana jireenya isaatif nageenya aadaa, siyaasa, ikoonoomii fi kkf ga’aa yoo qabaattee qofaadha. Hojjatee jireenya isaa jijjiiruuf, oolee buluuf, ba’ee galuuf naga kan argatuu yoo ta’ee qofaa. Ba’anii galuuf, bulanii ka’uuf, hojjatanii jiraachuuf nagaan yoo hin jirree, lubbuun nama yoo baatuu nageenyii naannoo sana ni jiraa jechuun namattii ulfaata. Nageenyii naannoon fi sammuu kunin wal biraa jiraachuu baannan ilmeen nama jiraachuuf lubbuun qoftii keessa jiraattee nyaate garaan quufuf uyyifatee nafii isaa owwuun qoftii hiikka hin qabuu. Biyyaa kamiiyyuu keessattii mootummaan lammii isaaf kana gochuun isaa irraa kan jirtuu ta’uun namuufu ifaa. Wantoonnii anin armaan olitti tuqee kanaaf haallii godina boorana qabatamaan ammaan tana mullachaa jiruu yoo wal biraa qabnee ilaallee gudddoo nama gaddisiiisaa. Kuniin maalif ta’aa??, Namii guyyaa guyyaan du’uu nama mootummaa moo bineensa??, yeroon ammaan tana garuu bineensis akkaa hin doonettii yeroo mootummaan ummata barsiisaa jiruu dha. Kunilleenn gaafii guddaa.!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!  bineensii akka hin dooneef lubbuun isaa agas cufaa eegama jiraa kan nama hoo akkamitti yaadamuu qabaa???????  rakkoo kana garuu nama agamitti arguutti jiraa??/ yoo agartan ammoo maaf akkan calliftan ykn furmaata akkam yaaddanii harkaa qabdan??

                                                                    

Thursday, 10 April 2014

Tokkummaa Tokkummaa ilamaan guutu abba liiban tokkummaa

Tokkumma tokkumma
 Tokkumma jechuun maal jechuu dha?? Gama finna  boooranatin wal qabsiisee tokkumaan maal fakkaata? Kana gochuuf ilmaan boorana kan ta’ee gaafin kunin mata isaa keessatti iddoo guddaa qabaachuu qaba. Kurraazii kurrraazii, kan gaasiis ta’uu keessii isaa bishaani, kan gubbaan isa sibiila, kan kirriin ykn funyoon qallaan sibiila kan gad seene bishaan garaa isaa keessa  keessa seenuu. Kan qaami isaa waan hedduu kan hojiin isaa tokko. Nuu duuba aga namii biftii, amantiin, gostii, saali, siiyaasnii, ilaalchii garaagara kun tokko ta’ee gamaa fiinnaa booranatti fuula hin  defaatin jijjiiramii hirriibaf yaadan dhufa jenne eegun wallaacha guddaa. Kanaan dura seena boorana kaa jarroota fi goototti hin baratin wagga hedduun dura keessa darban yoo ilaallee, kan dhaloota amma ka nama baratee  degrii, diploma, titaayi, sertifikeetti, masterii fi piroofeessara muumme hin qabnee kan qabuun yoo wal bira qabnee ilallee guddoo wal madaalun nama dhibaa. Kanaaf furmaatii maal jettanii yaadduu isan dhalataan boorana?????. Qilleensa baramaa jettii oromoon ( ijoollen barana tulluu nama duriitti gargar baane) qilleensa lafa gogaa irra  guddoo gad bubbiisa jiraa, isaan homa arguutti jirtuu??? Keessan qilleensii lafa jiitu irree dhabee, tokkumma dhabee, muxannoo ddhabee, bubbisee buuyyoo mana irra jissuu dhiisii, awwaarallee lafa kaasuu dadhabe. Qilleensii lafa gogaa ammo biyyee lafa kaasuu dhiisi lafaa teessanu fuudhee deema jira. Ilmaan teessan ta buubbee tanattii dallantuu guurtee  qilee aa banooyyetti guurtii gartuu. Yaa ilmaan boorana mee maal nuu wayyaa?????????????????/